top of page
Search
qerronewsnetwork

Balaay Zallaqaa Qilxuu eenyu?

Updated: Feb 4, 2021


BALAAY  ZALLAQAA QILXUU (Abbaa Koostir) Eenyu? Akkuma beekamu seenaan Oromoo inni dhugaan dhufaatii dhalattoota qubee hordofee, awwala alagaan keessa dhokse diigee, xurii seenaa alagaan itti maxxanse ofirraa miiccaa dhalootaaf haqa ture qabatee asan jira jechaa jira. Kana fuudhanii dhalootaaf akka dandeetti ofiitti dabarsuun gahee eenyutiree? Deebiisaa isiinifan dhiisa. Jaarraa 16ffaan Seenaa Oromootaa keessatti jaarraa sochii lafa babal'ifannaatiin beekama. Haaluma kanaan Oromoonni kallattii kaabaan hanga Laga Mormor ykn Abbayaatti babal'ifachuusaanii seenaan dhugaa ni baha. Kaaba Itiyoophiyaa ammaa Walloo, Tigiraayfi Gojjam keessa mootonni Oromoo akka turan ni addeessa. Balay Zallaqaa Oromoo Walloo
keessaa kan Booranaa jedhaman Damee Oromoo
Tuulamaarraa dhalate. Abbaan gooticha kanaa Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgalii Oromoota Walloorra dhiibbaa mootota Habashaatiin gara Gojjamitti godaanan keessaa tokko turan. Obbo Zallaqaa qilxuu loleewwan Lij Iyyaasuu Oromoo Walloo hortee Tuulamaa keessaa tokko. Erga Lij Iyyaasuun angoo gadhiseen booda. baqachuun Walloo Booranaa gara Gojjam kan godaanan. Gojjamitti gooticha Balay Zallaqaa kan dhalfatan. Balay abbaasaa Balay Zallaqaa Qilxuu Aayyoo Galgaliifi haadhasaa Xaayituu Aallanaa irraa bara 1910 A.L.A dhalate. Haati isaas Walloo Booranatti dhalatan. Balay tooftaa riphee loluun beekama. Tooftaa kanaan Itaaliyaanotaafi baandota ykn baasaasto isaanii.  boqonnaa dhoowwaa ture. Dirreewwan waraanaa.  garaa garaa irratti Itaaliyaanota mo'achuun gootummaasaa mirkaneesseera. Tooftaa waraanaa gooticha Oromoo Balay Zallaqaa Qilxuu irra.  aanuu kan dadhaban Itaaliyaanonni abdii kutatan. Jaabinaafi gootummaa goota kanaafi gootota Oromoo birootiin Itaaliyaanonni biyya gadhiisanii bahan. Injifatamuu Itaaliyaa booda H/Sillaaseen waggoota shaniif bakka baqatee tiru Ingilaandii yoo deebi'u, ummanniifi duuka buutonni Balay Zallaqaa Qilxuu maal badhaafama, aangoo akkamiitu kennamaaf jechuun eegaa m turani. H/Sillaaseenis akkuma gootota Oromoo biroo aangoo isaaf waan shakkeef Balay akka qabamu taasise. Aangoos badhaasas isaaf hin kennine. Biyya bilisa baasuun jibba H/Sillaasee jalaa isa hin baafne. Akkuma Abdiisaa Aaagaafi kanneen biroo hidhaa,
reebichaafi gidiraatu isa mudate. Hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e. Kanumaan otoo jiruu mana hidhaa Finfinneetii cabsee bahuun erga qabamee booda M/Murtiitti dhiyaatee murtiin du'aa itti murteeffame. Murtichas H.Sillaaseen mallattoon mirkaneessee bara 1945 A.L.A umuriisaa 35tti obboleeyyan isaa 2 waliin fannifame. Goota akkasii kana kan Oromummaansaa
alagootaan dhokfamee, hojiinsaas gatii dhabee alagaan fannifame 

82 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page