qerronewsnetworkFeb 4, 20211 min readLagannaa Nyaataa Kan Guyyoota 7Jawaar Mohaammad dabalatee hidhamtoonni siyaasaa,gameeygiin oromoo erga nyaata lagachuu eegalanii har'a guyyaa 7ffaa dha. Heddu laafanii jiran. Fayyaan isaanii maalirra akka jiru hin ilaalamne wanti beekamus hin jiru. Akkuma armaan duraa har'allee maanguddoonni Mana Hidhaa Qaallittii deemanii Jawaar Mohaammad faa nyaata akka fudhatan kadhachuuf yaalanii turan. Jawaar faa garuu har'as nyaata akka hin nyaanne maanguddootti himanii didanii jiran. Sababa nyaata didaa jiraniif keessa muraasni, Oromoon addatti irratti xiyyeeffatamee adda baafamee manneen hidhaa biyyattii guutee jiraachuu dha. San qofa miti dararaa addaatiif saaxilamaa jira. Biyyattii kana keessatti roorroon akka Oromoorra gahaa jiruu kun eenyurraayyuu gahaa hin jiru jedhan. Nuti ala taanee uummata keenyaf sagalee ta'uu hin dandeenyu, garuu hidhaa kana keessatti kan gochuu dandeenyu nyaata lagachuu dha, lubbuu keenyallee kennuudhaan uummata keenyaf waa buusuu feena jedhan. Itti dabalaniis nuti akka nyaannu nu kadhachuuf dhufuu keessaniif ulfina guddaa siniif qabna, garuu wanti nuti Mootummaa kanatti balleessine maali? Maalif jirra? Qeerroo fi Qarreen maal balleesse? Oromoon badii wagga 27 olii jara kanaaf dhiiseefii qabsoo dhiigaa isaatii gaggeesseen aangootti ol isaan baase malee maal isaanitti balleesse? Maalif diinomfatamna? jechuun gaafatan.Kanaafuu, nuti amma boodas nyaachuuf hin jirru, salphina akkanaa Oromoon, erga ilmaan isaa 5000 itti dhabee kumni 20 ol itti madaa'ee jijjiirama fidee booda hiree akkanaa mudachuusaa arguu caalaa du'uu filanna jechuun maanguddootaf dhaamanii gaggeessanii jiru. Beellama boruu ilaalchisee yoo danda'an dhaquu akka barbaadan yoo dadhaban garuu waan ta'u akkahin beekne ibsaniiru. Isaani akkasi jedhanis haalli keessa jiran garuu beellama boruu dhaquuf kan isaan hin dandeessisne tahuun beekamaa dha.
Jawaar Mohaammad dabalatee hidhamtoonni siyaasaa,gameeygiin oromoo erga nyaata lagachuu eegalanii har'a guyyaa 7ffaa dha. Heddu laafanii jiran. Fayyaan isaanii maalirra akka jiru hin ilaalamne wanti beekamus hin jiru. Akkuma armaan duraa har'allee maanguddoonni Mana Hidhaa Qaallittii deemanii Jawaar Mohaammad faa nyaata akka fudhatan kadhachuuf yaalanii turan. Jawaar faa garuu har'as nyaata akka hin nyaanne maanguddootti himanii didanii jiran. Sababa nyaata didaa jiraniif keessa muraasni, Oromoon addatti irratti xiyyeeffatamee adda baafamee manneen hidhaa biyyattii guutee jiraachuu dha. San qofa miti dararaa addaatiif saaxilamaa jira. Biyyattii kana keessatti roorroon akka Oromoorra gahaa jiruu kun eenyurraayyuu gahaa hin jiru jedhan. Nuti ala taanee uummata keenyaf sagalee ta'uu hin dandeenyu, garuu hidhaa kana keessatti kan gochuu dandeenyu nyaata lagachuu dha, lubbuu keenyallee kennuudhaan uummata keenyaf waa buusuu feena jedhan. Itti dabalaniis nuti akka nyaannu nu kadhachuuf dhufuu keessaniif ulfina guddaa siniif qabna, garuu wanti nuti Mootummaa kanatti balleessine maali? Maalif jirra? Qeerroo fi Qarreen maal balleesse? Oromoon badii wagga 27 olii jara kanaaf dhiiseefii qabsoo dhiigaa isaatii gaggeesseen aangootti ol isaan baase malee maal isaanitti balleesse? Maalif diinomfatamna? jechuun gaafatan.Kanaafuu, nuti amma boodas nyaachuuf hin jirru, salphina akkanaa Oromoon, erga ilmaan isaa 5000 itti dhabee kumni 20 ol itti madaa'ee jijjiirama fidee booda hiree akkanaa mudachuusaa arguu caalaa du'uu filanna jechuun maanguddootaf dhaamanii gaggeessanii jiru. Beellama boruu ilaalchisee yoo danda'an dhaquu akka barbaadan yoo dadhaban garuu waan ta'u akkahin beekne ibsaniiru. Isaani akkasi jedhanis haalli keessa jiran garuu beellama boruu dhaquuf kan isaan hin dandeessisne tahuun beekamaa dha.
Comentários