top of page
Search
qerronewsnetwork

Dhaamsa Ab. Kadiir Bulloo


Dhaamsa abukaattoo Jawar faa keessaa tokko kan tahe Kadiir Bulloo fuula facebook isaa irratti maxxanse
=======================

Haalli obboo Jawaar fa'a keessa jiran bayee nama sodaachisa. Worri waa beettan(intellecuals) worri abbootii amantaa, worri dhugamaan nama siyaasaa  ummata Oromootiif dhugaan qabsoofna jettanii fi dhugamaanuu lubbuun beektota dhiisi nama Oromoo kamiyyuu akka maleen bayuu hin qabdu jettan, yeroo ilmaan Oromoo sababa mirgi ummata kanaa haa kabajamuu jedhanii beelaan uf ajeesaa jiran kanatti cal jettanii laaluun kun itti gaafatama seenaa fida. Ani kana kan jedhu gaafa isaan midhaan nyaachuu dhiisanii kaasee guyya guyyaan bakka isaan ciisanitti argaa jira. Haalli isaan keessa jiran bayee nama sodaaschisa.

Oromoo Beekkadhu!! 

Namni akka Jawaarii keesaattu woggaa 100 kessatti yeroo tokko akka dhalatu seenaan addunyaa  nu'u barsiisa. Kanaafuu worri mootummaas ta'ee worri armaan olitti maqaa keessan dhaye hundi jarri tun sababa kanaan duunaan keesaattu bakka feetaan siyaasan dhaabbadhaa, boru maal jette naan jedhaa  akkuma diinni ummata Orommoo du'iinsa isaaniitin gammadu isin ammoo hin gaabbitan. Dhugaa dubbachuuf haalli isaan keessa jiran baayee nama sodaachisa. Aangoo siyaasaa gaafa tokko hafuuf jecha Oromoon janna ufii dhabuu hin qabduun dhaamsa kiyya.

20 views1 comment

Recent Posts

See All

1 Comment


abadiramar349
Feb 09, 2021

Abadaan oromoon sirnaa kanaa jalattii hin bultuu garuu warrii ittii dhiyeenyaa qabdan abiyyitii iyaaa

Like
Post: Blog2_Post
bottom of page