top of page
Search
qerronewsnetwork

Xyghd

Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatiif # Finfinnee Paartiin keenya # Kongiresiin_Federaalawaa Oromoo/KFOn hundeeffamasaa irraa eegalee Qabsoo Karaa Nagaatti kan amanu, rakkoolee siyaasaa Itoophiyaa kan waqtaawoos ta’ee kanneen turan furuuf marii fi waliigalteen barbaachisaa ta’uu; akkasumas taayitaa mootummaa qabachuuf meeshaafi humanan fayyadamuu caalaa ummata bal’aa biratti fudhatama kan qabu filannoon haqaafi bilisaa gaggeeffamuuf hawwii garii qabnu ibsaa turrullee, dirreen siyaasaa biyya keenyaa dhiphachurraa kan ka’e, sirni bulchiinsaa paartiin keenyas ta’ee uummatni keenya gaafatu dhufuu hindandeenye. Walitti dhufeenyi caasaa mootummaafi paartii biyya bulchaa jiruu baay’ee walxaxaafi walkeessa gala ta’uurraa kanka’e, dhaabbileen Diimokraasii bilisa ta’uufi kaayyoo dhaabbataniif hojjachuu hindandeenye. Paartiin keenyas haala Heerri Mootummaafi Seeronni biyyattii biroon eeyyamaniin, tarsimoofi sagantaa siyaasaa keenya sosochoonee uummataaf ibsuu hindandeenye. Haala rakkisaa kana keecha otoo jirruu, Filannoon Walii Gala Marsaa 6ffaan dhufaa jira. Wantoota baay’ee rakkisoodha jedhaman akka kanaa gadiitti tarreessina. 1. Caasaan Boordii Filannoollee otoo hinhafiin kaadireen paartii biyya bulchuu itti nam’aniiru. Qaamni Olaanaa Boordichaas, haasawaa minjaalaarraa kan hafe rakkoo caasaa gadii keecha jiru sakatta’ee kallattii furmaataa kaa’uuf fedhiin qaban tokkoon gadaanadha ykn feedhimayyuu waan qabneef amantummaan nuti Boordicharrati qabnu saffisaan gadi bu’aa dhifeera. 2. Filannoo dhufu ilaalchisee, carraa hojii lammiileen argatan deeggarrullee, itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka Filannoo baattachuu namootni danda’an kan ittiin dorgoman muuxannoo hojii olaanaatiin lammiileen hir’ina qaban waan ramadamaniif, amanamummaa isaaniirratti shakkii olaanaa qabna. 3. Labsiileen hidhamaa ta’an lakk. 1162/2011 kew 2(29) fi 33(B) otoo hinfooyya’iin gara filannootti seenuun, filannoon gartummaarraa bilisa ta’ee deemsifamuu danda’uusaa akka shakkinuuf nu dirqisiiseera. 4. Waajjiraaleen keenya godinaaleefi aanaalee Oromiyaa hedduu keechatti argaman bakka caccabsamanii, saamamaniifi humnaan cufamanii jiranitti kaadhimamtootaafi taajjabdoota keenya walitti qabuun danda’amuusaa tilmaamuun nu rakkisee jira. 5. Miseensoti KFO Koree Hojii Raawwachiiftuu olaanoorraa kaasee hanga caasaa keenya sadarkaa garaa garaatti jiraniifi hojii nuuf mijeessuu, dorgomtootaafi taajjabdoota filachuu danda’an bakka hidhamanii ykn sossodaachisuu isaanirratti raawwataa jirurraa ka’uun naannoo jiraatanirraa baqatanii jiranitti, keessumaammoo miseensoti keenya hidhamanii jiran dhiibbaa isaaniifi maatiisaaniirra ga’aa jirurraa kan ka’e, nageenyiifi jireenyi isaanii haala rakkisaa keechatti kufee otoo jiruu, KFO’n filannoo bilisaan hirmaachuu danda’a jedhee qaamni sababa gahaadhaan nutti mirteessu jira jennee hinamannu. 6. Rakkoo nageenyaa biyyattii keechatti deemaa jirurraa kan ka’e tokkoon tokkoon sochii taasifamuu Komaandi Postiidhaan otoo to’atamuu, bilisaan sosochoonee tarsimoofi sagantaa siyaasaa paartii keenyaa haala uummataaf ibsuuf rakkisaa ta’e keechatti, Filannoo Waliigalaa Marsaa 6ffaa dhufaa jirurratti hirmaachuudhaaf akka rakkannu beekamee, Waajjirichi ammarraa eegaluun furmaata barbaachisaa akka nuuf barbaada ni gaafanna. Nagaa Kabajaa Waliin Prof. Mararaaa Guddinaa(PhD) D/Bu’aa KFO


25 views0 comments

Recent Posts

See All

Comments


Post: Blog2_Post
bottom of page