top of page
Search
qerronewsnetwork

Beekamtii Dr.Kabajaa Alii Birraa

Amajjii 30 bara 2013 gaggeeffamu ilaalchisee

miidiyaaf ibsi kenname Sirna beekamtii kennuu Dr. Kabajaa Artiisti Alii Birraa Amajjii 30 bara 2013 akka gaggeeffamufi kitaabni seenaasaarratti barreeffame akka eebbifamu Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa beeksise. Hogganaan biirichaa Obbo Kabbadaa Deesisaa sagantaa sirna beekamtii kennuu kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Dr. Kabajaa Artiisti Alii Birraa walakkaa jaarraa tokkoo oliitiif biyyaafi ummatasaanii umrii dheeraaf tajaajiluun artistii dorgomaa hin qabne waan ta'eef beekamtiifi galateeffannaan isaaf mala jedhani. Kana malees artiistiin kun gumaachi guddina aartii biyyaa keessatti taasiseen olitti sirbootasaa keessatti ergaawwan gama hundaan hubachiisuuf gaheesaa bahateera jedhu. Artiisti Alii Birraan sirboota Afaan Oromootiin alattti afaanoota Somaalee, Affaar, Harariifi Amaariffaan akkasumas afaan Sudaaniin sirbuun saboonni caalaatti akka wal baran, wal maraarfatan, eenyummaansaanii akka beekamuufi waliin jireenya ummattoota cimsuu keessatti artiistii bara dukkanaa keessatti ifa argedha jedhaniiru Obbo Kabbadaan. Kanaaf Artiistii beekamaa, jaallatamaafi hangafaa fakkeenya guddaa ta'e kana mootummaan Naannoo Oromiyaa galateeffachuu yaadeera jedhan. Haaluma kanaan sagantaan galateeffannaa Amajjii 30 bara 2013tti sirnoota garagaraan kan gaggeeffamu ta'uu hogganaan kun ibsanii, sirni kun Finfinneetti bakka hoggantoonni Mootummaa, namoonni bebbekamoon, hiriyoonniifi dinqisiifattoonni isaa bakka argamanitti ni gaggeeffama jedhaniiru.


16 views0 comments

Recent Posts

See All

Comentarios


Post: Blog2_Post
bottom of page