Hogganaa olaanaan ABO Jaal Abdii Raggaasaa mana murtii dhiyyaachuun ammas beellama dabalataa itti gaafatamee jira. Jaal Abdii Raggaasaa Guraandhala 29/2020 mana jireenyaa isaanii Finfinnee keessatti argamu keessaa kan qabamanii hidhaman hanga ammaatti manneen hidhaa adda addaatti dararamaa manneen murtii adda addaatti himata itti shakkame jedhan jijjiiraa beellama waggaa tokko guutuu ittiin deddeebisaa jiru. Hogganaan ABO kun Guraandhala 1/2020 kan mana murtii Godina Addaa magaalaa Sabbataatti argamutti kan dhiyyaate abbaan Alangaa waan guutuu qabu Guutee waan hin argamneef manni murtichaa beellama Guraandhala 2/2021tti qabe ture. Guraandhala 2/2021 yeroo mana murtiitti dhiyyaatan ammas abbaan Alangaa waan isarraa eegamu guutuu kan dadhabe hanqina yeroo yakkoota biroon wal nu qabatee waan taheef yeroo dhabuun ibsachuun beellamni dabalataa akka isaaf laatamu mana murtii gaafataniin manni murtichaas beellama Jaal Abdii Raggaasaa guraandhala 4/2021tti beellamamee jira.
qerronewsnetwork
Comments